• Thu. Oct 8th, 2026

Paarlaamaan Joorjiyaa filannoo pirezidaantii Muddee 14’tti gaggeessuuf sagalee kenne

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Paarlaamaan Joorjiyaa Kibxata kaleessaa filannoo pirezidaantii biyyattii Mudde 14 akka gaggeeffamuuf sagalee kenne.

Walgahii kallattiin magaalaa guddoo Tibiliisiitti gaggeeffameen dhimmi filannoo pirezidaantii biyyattii gaggeessuu Af-yaa’ii paarlaamaa Joorjiyaa Shaalva Papuwaashviliin kan dhiyaate yoo ta’u, sana booda miseensonni mana maree 80 filannoo Muddee 14 akka gaggeeffamuuf sagalee kennaniiru.

Paapuwaashviiliin haasaa paarlaamaa kanaaf taasisaniin, eebbi pirezidaantii haaraa filataman Mudde 29 akka gaggeeffamu dubbataniiru.

Yeroo jalqabaatiif pirezidaantiin Joorjiyaa bakka filattotaa miseensota 300 qabuun kan filataman yoo ta’u, sagalee kallattiin osoo hin taane Komishinii Filannoo Giddugaleessa biyyattiitiin kan raggaasifamu ta’a.

Walgahiin kun kan gaggeeffame paarlaamaan Joorjiyaa filannoo paarlaamaa ji’a darbee booda walgahii isaa jalqabaa irratti aangoo miseensota mana maree ishee haaraa filataman erga raggaasisee guyyaa tokko booda yoo ta’u, paartiin biyya bulchaa jiru ‘Georgia Dream’ paarlaamaa teessoo 150 qabu kana irratti %53.93 erga argateen booda sagalee caalmaa 89 argateera.

Akkasumas, bu’aa filannoo Onkoloolessa 26 gaggeeffame irratti Wiixata galgala irraa eegalee magaalaa guddoo Tibiliisi keessatti mormiin itti fufee kan jiru yoo ta’u, kunis pirezidaantii amma aangoo irra jiran Saalome Zoyurabichvili fi paartileen mormitootaatiin fudhatama dhabaniiru.

Zoyurabichvili bu’aa filannoo kanaa akka hin beekne kan himte yoo ta’u, filannoon kun gidduu seenummaa Raashiyaan kan manca’e fi paartileen mormitootaa ammoo filannoon kun kan ”hatame” jedhanii waamu.

Zoyurabichvili bara 2018 pirezidaantii Joorjiyaa 6ffaa ta’uun filatamaniiru jechuun miidiyaaleen Baha Giddu Galeessaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading