ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Gaafatamummaa, dhugummaa, nagaa waaraa, qajeelfama bulchiinsa haqaa fi dubbiin sirriin bulchiinsa Bilxiginnaa keessatti kan hin mul’anne hawaasni nagaan ajjeefamuu, saamamuu fi hidhaan Oromiyaa keessatti dararaa argaa jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Toobbii keessaa maqaa kaffaltii gibiraan waraanni garboomfataan PP torbanoota kana keessa hawaasa irraa qarshii 500 kaasee hanga 1000’tti dirqiin saamaa jiraachuun ibsameera.
Keessattuu abbootii afooshaa irraa qarshii 2000 dirqamaan fuudhaa kan jiran ogguu ta’u, maatiin harka qalleeyyiin qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban manneen hidhaatti guuramaa jiraachuun addeeffameera.
Kana malees onicha keessaa barattoonni sadarkaa barnootaa 10 hanga yuuniversitiitti barachuun fixanii hojii dhabuun mana jiran dirqamaan gara bulchiinsa magaalaa Begiitti guyyaa kaleessaa guuramuun dhimma Bilxiginnaa deggeruu barsiifamaa turuu maddeen magaalaa Begii ONM ifoomsaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanaa Begii ganda Abshaala Diinqaa jedhamu keessaa Sadaasa 24, 2024 halkaniin itti dhaquun namoota maqaan isaanii:
- Musliim Umar Shariif,
- Saadiyyaa Baabakirii fi
- Obbo Ahimed Shariif jedhaman maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

