• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun daran cimee itti fufe

Dec 3, 2024

ONM-ABO Sadaasa 29, 2024 

Bara Oromoo ta’anii dhalachuu qofti yakka ta’etti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni nama nyaataan mootummaa abbaa irree loltoonni Abiy Ahimed sabboontota ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan yakkuun mana hiraarsaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu keessaa waraanni shiftaa Bilxiginnaa Sadaasa 26, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Adaanuu Zallaqaa fi
  2. Obbo Leellisaa Gadaa kanneen jedhaman badii tokko malee qe’ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Maddeen akka himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu eeruun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading