• Fri. Mar 13th, 2026

Abdii fi Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Godina Gujii Bahaa fi Godina Boorana Bahaa keesatti tarkaanfi laalessaa diina irratti fudhatee

Dec 8, 2024

ONM-ABO Sadaasa 30, 2024

Abdii fi Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Godina Gujii Bahaa fi Godina Boorana Bahaa keesatti tarkaanfi laalessaa diina irratti fudhateen 103 ol ajjeesee 102 ol madeessuun Injifannoo boonsaa galmeesse.

WBOn Zoonii Madda Albuuda Guyyaa kaleessaa Sadaasa 30, 2024 Bakkoota Sadii olitti tarkaanfii laalessa humna sakatta’iinsa WBOtiif bobbaate irratti kan fudhate yoo ta’u, humni furgaatu Zoonichaa Cibraan Soddom Booroo Godina Boorana Bahaa Aanaa Gumii Eeldallo Ganda Bulbul bakka sddaa Dhakaa Baabsaa jedhamutti tarkaanfi Waraana PP irratti fudhateen 69 ol ajjeesuun, 77 oli ammoo madoodhaan adabeera.

Loltoota waraana PP kana keessa kanneen du’an hedduuf uummati magaalichaa dirqamaan boolla qochisiifamee bakka tokkotti kan awwaalamanii fi reeffi nama saddeeti ajajoota mudama qabanii filamee magaalaa Nageellee Booranaatti madoo waliin halkan edaa kan fe’amee ergame ta’uun barameera.

Gama meeshaatiin ammo Cibraan Soddom Booroo Bireena 1f, Kilaashii 5, rasaasota adda addaa waliin irra booji’uun moora qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.

Ittuma fufuun Sadaasuma 30 kana Humni Zoonii Madda Albuuda Godina Boorana Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Bokkolaa iddoo addaa Hoomacheessaa Diqqaa jedhamutti lola haxxee waraana faashistii PP irratti taasiseen 10 battalatti yoo ajjeeffaman 8 madoo taasisuun gala dhorkee humna birmanna akka eeggattu taasisee jira.

Ganduma sana iddoo addaa Gaara Otoola jedhamuun beekkamutti haxxee humna birmannaaf fiigdu irratti fudhateen 6 battalatti ajjeessee 5 irraa madeessuun of duuba deebisee jira .

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zooniin Madda Albuudaa guyyuma kalee Sadaasa 30 kan Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Faachoo iddoo addaa Baddaa Jaartii jedhamuun beekamutti lola guddaa guyyaa guutuu taasiseen 18 battalatti irraa ajjeessun 22 kan ta’an madeessee humni diina baqachuun of duuba deebi’uu danda’e jira.

Walumaa galatti WBOn Zoonii Madda Albuudaa guyyaa kaleessa sadaasa 30, 2024 humna Waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii bakkoota Afuritti taasiseen 103 oli ajjeesuun 112 oli ammoo madoon adabee humnaa diinaa laamshessee meeshaalee gargaraas moora Qabsoo Bilisummaa Oromootiif oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

WBOn hanga deebiin Oromoo bifa ha qabuun deebi’utti tarkaanfii itti fufa❗

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading