• Sat. Mar 14th, 2026

Dubbii himaan Raashiyaa Kiremlin maatii Bashar Al-Assadiif Raashiyaan koolu galtummaa kennuufii mirkaneesse

Dec 11, 2024

ONM-ABO Muddee 10, 2024 

Dubbii himaan Raashiyaa Kiremlin irraa Wiixata kaleessaa hogganaan sirna Siiriyaa aangoo irraa kaafame Bashar al-Assad fi maatii isaanii Raashiyaan koolugaltummaa akka kenniteef mirkaneesse.

Sagantaan Puutiin Asaad waliin walgahii akka hin dabalanne kan hubachiisan Peeskov, waa’ee bakka amma jirus “wanti himamu hin jiru” jedhan.

Peeskov akka jedhanitti, Moskoon namoota nageenya buufata waraanaa Raashiyaa Siiriyaa keessa jiru mirkaneessuu danda’an qunnamuuf hojjechaa jirti, waraanni Raashiyaas “of eeggannoo barbaachisaa hunda” gochaa jira.

”Kun hundi dhimma warra Siiriyaa keessatti aangoo qabaatan waliin mari’atamuudha. Amma yeroo jijjiiramaa fi tasgabbii dhabuu garmalee argina. 

Kanaaf yeroo fudhata Sana booda immoo warra aangoo kennameef waliin haasawa cimaan ni barbaachisa,” jechuun itti fufaniiru.

Mariin bifa Astanaa Siiriyaa irratti gaggeeffamu kaayyoo jalqabaa dhabeera, garuu ammallee akka mala yaada waljijjiiruu fi hirmaattoota ishee gidduutti marii siyaasaa taasifamuutti barbaachisaa dha jechuun falme.

Itti dabaluunis, Raashiyaan Turkii fi biyyoota naannichaa biroo waliin mata duree Siiriyaa irratti mari’achaa jirti jedhan jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading