• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti Waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu, hidhuu fi reebuu cimsanii itti fufan

Dec 11, 2024

ONM-ABO Muddee 10, 2024 

Dantaa dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa nagaa ba’uuf galuu kan dhorkatan loltoonni Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun miidhaa hangana hin jedhamne jiraattota irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Martiitti jiraattota ganda Wataroo Diinoo kan ta’an Tamaam Eda’oo fi Borshaa Eda’oo kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa Muddee 7, 2024 sababa tokko malee hidhaatti darbachuun qarshii 4800 tokko tokkoon  isaanii irraa fudhatanii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi guyyaa sana ammoo gandicha irraa gara magaalaa Abboomsaa jedhamu deemuu himuun, ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee maqaa garaa garaa itti maxxansuun namoota hedduu gandoota baadiyyaa adda addaa irraa gara magaalichaa deeman reebicha hamaa irraan gahuun dararaa turuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading