ONM-ABO Muddee 12, 2024
Ergamtoonni kaayyoof akeeka hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii guuttachuu qofaaf jecha uummata Oromoo miidhaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa keessaa Muddee 9, 2024 waraanni sirnichaa nama maqaan isaa Maammad Jamaal jedhamu jalaa bakka dheedicha loon isaa dhaquun qotiyyoo 1 kan tilmaamaan qarshii kuma torbaatama (70,000) baasu saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees guyyaadhuma kana Muddee 9, 2024 gandichuma keessaa nama maqaan isaa Abbaa Diittaa jedhamuun beekamu jalaa ammoo loozii (oncholoonii) ardaba 10 konkolaataa FSR’tti fe’achuun, haadha warraa fi intala isaas yerooma sana fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni himan.
Akka maddeen himanitti, Kaabinee bulchiinsa magaalaa Baloo kan ta’e namni maqaan isaa Caaltee jedhamu hidhattoota humna addaa Beenishaangul Gumuz gara gandichaa geessee uummata dararsiisaa jiraachuu himuun, innis oomishni qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irra jiru kun kan uummata Gumuziitti malee kan Oromoo miti jechuun itti dhaadachaa turuu dubbatu.

