ONM-ABO Muddee 12, 2024
Afaan qawweetiin uummata Oromoo garboomsee bulchuu kan bare murni nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaa bobbaafachuun saamicha daangaa darbe hawaasa nagaa irratti raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.
Muddee 9, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
- Araarsaa Nagarii fi
- Biqilaa Likkiisaa jedhaman jalaa sa’a dorrobaa 1 fi re’oota 2 qalatanii nyaachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraayyuu walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa sababa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun armaan duras abbaa Biqilaa, Obbo Likkiisaa hidhanii dararaa jiraachuus dubbatu.


