Walii galtee hulaa galaanaa waggaa darbe “baga gammadaniin” gurra nu duuchan, salphinaan kaleessa keessaa bahanii jiru. Sobaafi fakkeessuu mandara keessatti baran sana waltajjiilee idil-addunyaatti fudhatanii deemanii salphatani.
Xumurri waraana ummata keenya irratti gaggeessaa jiraniillee kana irraa adda hin ta`u: qaaniifi itti gaafatamummaan xumurama. Jeneralonnii fi daballeen Bilxiginnaa kana hubadhaa. Bashiir al Asaad dhengadda gaafa Siiriyaa irraa baqatu, oboleessi isaatuu quba hin qabu. Gaafa guyyaa dhumaa Abiy Ahmed isiniinis lafatti bittinsee baqata; Mangistuunis ganna 30 dura kanuma godhe. Dammaqaa! WBOn injifannoon itti fufeera!
