ONM-ABO Muddee 15, 2024
Jireenya gadadoo jiraachuu ilmaan Oromootti kan gammadan ergamtoonni sirna nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun haadha hiyyeessaa boochisuu itti fufanii jiru.
Ergamtoonni hiraarsaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan akka ciminaatti lakkaawwatanii fi qaama isaanii olii gammachiisuuf ifaajan loltoonni Abiy Ahimed aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa bakka addaa Gola Booyyee jedhamu keessaa Muddee 11, 2024 fi 12, 2024 manneen hawaasaa lakkoofsaan 50 ol ta’u guyyaa 2 guutuu gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Jiraattonni araddichaa kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan yoo ta’n, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun manneen isaanii jumlaan qabeenya mana keessa jiru hunda waliin barbadeessanii jiraachuun ibsameera.
Kana duras, aanichuma bakkeewwan adda addaa keessaa manneen 300 ol ta’anii fi afoosha hedduu irratti marsaa lama gubaatiin raawwatamee jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

