• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni maafiyaan PP jiraattota gara leenjii waraanaatti guuruu, qe’ee irraa buqqisuu fi saamuu cimsee itti fufe

Dec 16, 2024

ONM-ABO Muddee 16, 2024 Ergamtoonni PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti akkuma saree maraatuu oliif gadi fiiguun hawaasa nagaa gaja’uu itti fufanii jiru.

Aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa jedhamu keessaa Muddee 12, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Ifaa Dabballee,
  2. Badhaasoo Gabuu,
  3. Badhoo Xuufee,
  4. Daggafaa Sabbataa,
  5. Bayyanaa Sabbataa,
  6. Battee Kafanii fi kanneen biroo hedduu lakkoofsaan 30 ol ta’an loltoonni sirnichaa ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ganduma kana keessaa maanguddoo Lammii Leenjisoo jedhamu ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabda jedhuun qe’ee fi qabeenyaa isaa rraa buqqisuun oomisha isaas jalaa saamaa akkasumas, loon itti naquun jalaa mancaasaa kan jiran ta’uu maddeen himan.

Obbo Lammiin abbaa ijjoollee 14 kan ta’ee fi wayita ammaa kanas maatiin isaa adda faca’uun jiruu gadadoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuun ibsameera.

Aanichuma ganda Tuchii Dambal jedhamu keessaa ammoo Muddee 14, 2024 midhaan qonnaan bultootaa saamaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Aanicha keessatti dararaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaachuun, hawaasni ba’ee galuuf iyyuu haala ulfaataa keessa kan jiru ta’uun dabalataan himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading