• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ergamtoonni sirnichaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Dec 16, 2024

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqishoo argataniif ilmaan Oromoo irratti yakkoota suukkanneessoo fi qaanessoo ta’an garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Muddee 12, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa aanaa Gidaamii ganda Afteer Saamboo jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Muhaabbaa Saddeetaa,
  2. Yaasin Saffaa fi
  3. Raamadaan Himaamuu jedhaman badii tokko malee halkan mana jireenyaa isaanii dhaqanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa jiraachuu himuun, isaan keessaa namni Muhaabbaa jedhamu armaan duras maallaqa guddaa kaffaluun hidhaa irraa gadi lakkifamee kan ture ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading