ONM-ABO Muddee 17, 2024
Dhiittaa mirgoota namoomaa fi dararaa murni Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasisaa jiru impaayera Itiyoophiyaa keessatti daangaa darbuun, namoonni lagaa fi kutaan akkasumas ilaalcha paartii Bilxiginnaaf qabaniin addaan fo’amuun ajjeefamuu, saamamuu fi hidhamuun achi buutee dhabamsiifamuun jabaatee itti fufeera.
Akka kanaanis umuriin isaa sadarkaa dargaggummaa keessatti kan argamuu fi hojiin isaas barataa kan ta’e dargaggoon maqaan isaa Tashoomaa jedhamu Muddee 13, 2024 halkan sa’a 3:00’tti aanaa Bachoo bulchiinsa magaalaa Tullu-Boolloo keessaa poolisii idileen qe’ee isaa keessaa maatii biraa ukkaamfamuun dhagaa’ameera.
Barataa Tashoomaan nama siyaasa kam keessayyuu hin jirre yoo ta’u, barnoota isaa qofa irrattis xiyyeeffachuun kan jiraatu ta’us, ilaalcha sobaa fi gochaa barataa kanaa kan hin taane WBO waliin hidhata qabda fi eeruu laattaaf akkasumas, hojiilee shororkeessummaa isaan waliin hojjechaa jirta jechuun yakkanii qabuun hanga gabaasni kun qindaa’ettis achi-buutee dhabamsiisuun isaanii ibsameera.

