• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

Dec 18, 2024

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qala’iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu hojii idilee taasifachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan cimsanii ittuma fufuun, ganda Abee Dullachaa jedhamu keessaa torban lamaan darbe namoota maqaan isaanii:

  1. Nugusee Lataa jalaa qarshii 11,000, Soolaarii 1 fi Bullukkoo 1,
  2. Fiixumaa Malkaamuu jalaa qarshii 8,000,
  3. Algee Mulaatuu jalaa qarshii 2,000, Soolaarii 1 fi Bullukkoo 1,
  4. Zawudituu Hundeessaa jalaa qarshii 2,000 fi Araqee liitira hedduu,
  5. Cimdeessaa Galataa jalaas qarshii 3,000 fi Soolaarii 1 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoonni kunneen badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf milishoota sirnichaan saamamanii jiraachuun ibsameera.

Milishoonni sirnichaa saamicha kana raawwatan maqaan isaanii:  

  1. Gammachuu Gannatii,
  2. Mootummaa Gannatii,
  3. Dabaloo Gammachuu,
  4. Guutamaa Gaaromaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading