ONM-ABO Muddee 18, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne yeroo adda addaatti fedhii isaanii to’achuu dadhabuun dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne namoota irratti gochoota safuu hawaasichaa hin ibsinee fi ciiggaasisoo ta’an raawwachuu irra darbanii ajjeesanii bineensa nyaachisuu itti fufaniiru.
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 14, 2024 hidhattootni sirnichaa dubartiii maqaan ishee Halimee jedhamtu jiraattuu ganda Qurqurootaa haadha daa’ima tokkoo kan taate osoo isheen gabaa magalaa Qiciicoo irraa gara mana isheetti galaa jirtuu daandii gubbaatti eeguun qabanii gareen erga gudeedaniin booda ajjeesanii bakkeetti yoo gatan Muddee 15, 2024 galgala bineensi nyaatee rifeensaa fi huccuun ishee mul’achuun maatiin gadda taa’anii jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti Halimeen haadha daa’ima tokkoo ta’uu himuun, abbaa warraa isheen wal dhabanii wal hiikuun mana maatii isheetti galtee daa’ima ishee ittiin guddifachuuf jecha jimaa fi wantoota tokko tokko magaalaa Qiciicootti geessuun gurgurtee kan ofii fi daa’ima ishee jiraachiftuudha.
Yeroo magaalaa Qiciicoo baatu mara ammoo ergamaa Bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Adam Wadaddar jedhamu dubartiiin kun baay’ee bareeddi nan fuudha jedhee gaaffii jaalalaa yoo dhiyeessuuf ani daa’ima kiyyan guddifadha heerumaaf fedhii hin qabu yeroo isheen jettuun akka ajjeesus itti dhaadachaa turuun ibsameera.
Muddee 14,.2024 magaalaa Caffaa Roobit waan tureef namni Adam jedhamu kun yeroo achii gara magaalaa Qiciicoo dhufu milishoota sirnichaa waliin ta’uun gudeeddii gareen erga irratti raawwataniin booda haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuun bineensa akka nyaachisan ragaan jiraattota magaalaa Qiciicoo fi ganda Qurqurootaa irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

