ONM-ABO Muddee 21, 2024
Aanaa Beegii ganda Lalistuu Loophii keessatti Muddee 16, 2024 dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Siraaj Warqinaa fi Salaam Ibraahim jedhaman waraanni sirna nama nyaataan Bilxiginnaa badii tokko malee mana maatii isaaniitii qabuun reebicha ulfaataa fi dararaa hamaa irratti raawwatanii haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ganduma kana keessaa nama maqaan isaa Abdullaah Bookaa jedhamu immoo guyyuma kana ukkaamsuun hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buutee faana isaa yoo dhabamsiisan, nama Obbo Bashir Lammaa jedhamu jalaa ammoo qabeenya inni qabu guutuu waliin mana isaa ibiddaan gubanii barbadeessaniiru.
Kana malees Muddee 19, 2024 aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa bakka addaa Abbaa Carii jedhamutti nama maqaan isaa Assaanii Abdullaayii jedhamu balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya Onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

