• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed maanguddoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan

Dec 23, 2024

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Hanguma ilmoo saree uummata Oromoof kabaja kan hin qabne ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasanii saree fi bineensota kanneen biroo sooruu itti fufanii jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Walqixxummaa bakka addaa Reeree jedhamu keessaa Muddee 20, 2024 maanguddoo maqaan isaa Obbo Caalii Mirreessaa Shaanqoo jedhamu loltoonni sirna nama nyaataan PP badii tokko malee mana jireenyaa isaatii butuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Maddeen akka himanitti, Obbo Caaliin jaarsa biyyaa hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa fi kabaja guddaa qaban ta’uu eeruun, ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa homaallee hin beekne loltoonni Bilxiginnaa ammoo sababa “qawwee qabda” jedhuun mana isaatii gadi baasuun ajjeesanii reeffa isaallee maatii dhowwachuu himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading