• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaatti jiraattota saamuu fi hidhuun cimee itti fufe

Dec 24, 2024

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Dantaa dhuunfaa isaa tikfachuuf jecha ilmaan Oromoo dachee Oromiyaa irraa balleessuuf kan rakkatu murni nama nyaataan Bilxiginnaa, dinagdee uummata Oromoo quucarsuun beelaaf saaxilaa duula duguuggaa sanyii fi saamichaanis uummata dararaa jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Jammoo Kuraa jedhamu keessatti waraanni goolessituun PP Muddee 20, 2024 nama maqaan isaa Obbo Maammush Tarreessaa jedhamu jalaa harrootta lamaa fi hoolota shan saamanii gaagura 8 keessaa damma jiru baafachuun qabeenya mana sana keessa jiru guutummaa guutuutti fudhatanii deemuu jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf akka maqaan isaa dhahamu hin feene tokko ONM’f eeree jira.

Saamicha ulfaataa gandicha keessatti raawwatan garmalee kan hammeessan lukkeeleen bilxiginnaa kunneen ganduma kana keessaa guyaadhuma kana Muddee 20, 2024 nama Obbo Taaddalaa Kabaddaa jedhamu jalaa loon sagal saamuun baramee jira.

Akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamaa jiraachuu fi garmalee saamamaa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading