• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni PP jiraattota irratti hidhaa fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Dec 27, 2024

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa tokkollee hin beekne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan, godina Harargee Bahaa aanaa Baddannootti jiraattota irratti saamicha ulfaataa raawwatanii jiraattota hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan turan, ammas bifa haarawa ta’een gadi ba’uun araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa Muddee 24, 2024 maqaa “ishuraansii fayyaa” jedhuun hawaasa irraa qarshii 2,000-2,000 guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Harka qalleeyyii ofiifuu waan nyaatanii bulan hin qabne badii tokko malee maqaa “kaffaltii kaffaluu diddan” jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Kiimiyaa,
  2. Mo’aas Hasan,
  3. Abdoo Umar Mahaammad,
  4. Hindiyaa Shariifaa fi
  5. Suufiyaan Ahimad Mahaammad 

kanneen jedhaman lukkeeleen bilxiginnaa hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa ONM’f eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta’uu himuun, “kaffaltii kaffaluu diddan” jechuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading