• Tue. Jan 13th, 2026

Joordaan erga al-Asaad kufee as lammiileen Sooriyaa 18,000 gara biyyaatti deebi’aniiru jetteetti

Dec 27, 2024

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Erga jalqaba baatii kanaa mootummaan Bashar al-Asad kuffifamee as lammiileen Sooriyaa gara 18,000 ta’an Joordaan irraa gara biyya isaaniitti ce’uu isaanii aanga’oonni Joordaan Kamisa kaleessaa beeksisaniiru.

Ministirri Biyya Keessaa Mazen al-Faraya chaanaalii TV mootummaa al-Mamlakaatti akka himanitti, “kufaatii mootummaan Bashar al-Assad Muddee 8, 2024 hanga Kamisaa gidduutti lammiileen Sooriyaa gara 18,000 gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.” Namoota deebi’an keessaa baqattoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti galmaa’an 2 300 akka ta’an himaniiru.

Amaan bara 2011 erga waraanni biyya keessaa ka’ee as lammiilee Sooriyaa gara miliyoona 1.3 ta’an kanneen biyya isaanii baqatan keessummeessuu ishee kan ibsite yoo ta’u, 650,000 ammoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti sirnaan galmaa’aniiru.

Kibxata darbe Ministirri Biyya Keessaa Turkii Alii Yerlikayaa akka jedhanitti, erga Al-Asaad aangoorraa bu’ee as lammiileen Sooriyaa 25,000 ol Turkii irraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Turkiin baqattoota Siiriyaa gara miliyoona sadiitti dhiyaatan kan qabduudha jechuun Al Arabiya fi AFP’n gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading