ONM-ABO Muddee 30, 2024
Abdii fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Madda Walaabuu duulaa Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf bobba’een haleellaa waraana faashistii PP irratti halkan edaa Muddee 29, 2024 aanaa Sirkaa ganda Gooroo keessatti mooraa diinaatti cabsuun waraana Bilxigginna rasaasaan olii fi gadii godhee 3 ajjeesuun 7 madeessee mooricha keessaa buqqisee meeshaalee mooricha keessaa dhuunfatee jira.
Akka hawaasichi naannoo ishee jiru ibsutti ganama humni dabalata aanicharraa dhufuufiin sagaalee guddiftuun iddoo l dhokatte bultee waamuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗


