• Tue. Apr 28th, 2026

WBOn godina Lixa Harargee Aanaa Ciroo Keessatti Tarkaanfii Fudhate

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 30, 2024

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Madhichoo Lakkoofsa Sagal waajjira araddaa irratti gootichi Waraanaa Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa Cibraan Carcar Xirroo Muddee 29, 2024 galgala tarkaanfii waraana faashistii PP milishootaa fi humna addaa ofiin jettu irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.

Halkanuma kaleessaa iddoo sanatti tikoota PP konkolaataa uummataa fakkeessuun sochootu irratti tarkaanfii fudhatee jira.

Sababa lola kanaatiin hanga amma waaree boodaatti karaan gurraachi Itiyoo Jibuutii cufaa jira.

Godinuma Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Aadam iddoo Suukii ganda Usmaan mooraa waraana riphee lolaa ofiin jettu irratti har’a Muddee 30 ganamaan tarkaanfii irratti fudhateen torba battalatti ajjeesee 15 madeessuun barameera.

Araddaa Sheek Aadam ganda Usmaan mooraa diinaa kana keessatti humni riphee lola ofiin jettu ilmaan Oromoo sabboontota hidhatti guurtee haadholii manaa sabboontota hidhamanii dirqisiisuun gudeedaa fi fuudhanii itti galaa jiraachuu jiraattotni araddichaa ibsaniiru.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading