ONM-ABO Muddee 30, 2024
Godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Buuyyamaa Dabballee bakka addaa Booruu Dabbal jedhamu keessaa Muddee 26, 2024 ergamtoonni naasuu uummata Oromoof hin qabne namoota maqaan isaanii:
- Bullooshee Damee fi
- Shamballee Bullooshee
jedhaman jalaa badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu’ jedhuun manneen jireenyaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu jiraataan gandichaa sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko ONM’f eeree jira.
Lukkeeleen Bilxiginnaa uummata Oromoo mana irratti gubuun bakkeetti galchuu amaleeffatan kunneen gubaatii isaanii kana ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamu keessaas Muddee 27, 2024 nama Obbo Alamuu Qaqqabaa jedhamu jalaas mana jireenyaa guddaa qorqorroo baallee 60 qabeenya hunda waliin ibiddaan jalaa barbadeessuu maddeen itti dabaluun ONM’tti himan.
Namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii loltoota sirnichaan jalaa barbadaa’e kunneen namoota nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi hawaasa naannoo birattis jaallatamummaa fi kabaja guddaa qaban ta’uun ibsameera.


