• Sun. Nov 8th, 2026

Murni faashistii PP Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamaannetti waraana hawaasa nagaatti bobbaasuun WBO  fakkeessanii gocha maqa-balleessii hedduu hojjechaa jiraachuun saaxilame

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Murni badee balleessaan guyyaa dhufee darbuun gochoota safuu uummataa cabsuu fi sarbamiinsa mirga namoomaa Oromoota irratti raawwachiisaa jiru Bilxiginnaan saamtota waraana isaa goleewwan Oromiyaa keessatti bobbaasee sabicha dararuu cimsee itti fufee jira.

Muddee 28, 2024 mootummaa bulguun impaayerattii bulchaa jiru kan rakkoof duguuggaan sanyii dhala nama isaaf hojii idilee ta’e magaalaa Shashamannee keessatti waraana ijaaree halkan uummata nagaatti bobbaasuun maqaa waraana bilisummaa Oromoo himachaa hawaasicha humnaan qabeenya isaanii irraa saamuu, reebuu fi  dubartoota gudeedaa jiraachuu jiraattonni aanichaa ibsaniiru. 

Namoonni kunneen guyyaa waraana mootummaa wajjin socho’aa  kan oolan yoo ta’u, halkan immoo fuula dhokfatanii gochoota hamaa hojjetaa jiru. Isaan keessaa namootni 3 miseensota raayyaa ittisa impaayerattii ta’uu ni beekna jechuun jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply