ONM-ABO Muddee 30, 2024
Kutaan qorannoo waloo Kooriyaa Kibbaa wiixata har’aa pirezidaantiin aangoo irraa kaafaman Yoon Suk Yo’el jalqaba baatii kanaa yeroo gabaabaaf seera waraanaa kaa’uu isaaniitiin to’annoo jala oolchuuf ajaja hidhaa gaafate.
”Waajjirri Muummee Qorannoo Waliinii Pirezidaantii Yoon Suk Yo’el mana murtii Aanaa Dhiha Sewulitti ajaja hidhaa galmeesse,” jedha gareen qorannoo.
Iyyanni abbootiin alangaa ajaja akka argataniif dhiyeessan seenaa heera mootummaa biyyattii keessatti pirezidaantii taa’aa jiru humnaan to’annoo jala oolchuuf yaaliin jalqabaa ta’a jedhamee amanama.
Yoon gaaffii garee qorannoo waloo fi abbootii alangaa mootummaatiin gaaffiif dhiyaachuuf dhihaate hedduu bira darbeera.
Sakatta’iinsa waajjira isaa qorannoo kanaan walqabatees ugguree jira.
Qorattoonni Yoon himannaa aangootti fayyadamuu fi fincila qindeessuun himataman gaafachuuf karoorfatanii jiru.
Labsiin seera waraanaa, Muddee 3, mormii hatattamaa namoota siyaasaa irraa kan kaase yoo ta’u, miseensonni mana maree dafanii murtii Yoon ajaja isaa akka kaasu gaafatu dabarsaniiru.
Mudde 14, miseensonni mana maree pirezidaantichi bulchiinsa waraanaa kaa’uuf yaaliin godhe fashalaa’uu isaatiin pirezidaantichaa aangoo irraa kaasuuf sagalee kennaniiru.
Haa ta’u malee aangoo irraa kaafamuu mirkaneessuu fi Yoon aangoo irraa kaasuu ykn aangoo isaa deebisuu kan murteessu Mana Murtii Heera Mootummaati, Adeemsi kun ji’oota fudhachuu danda’a jechuun Doochii Waleen gabaaseera.


