• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu cimsanii itti fufan

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Dhiiga qaqqaalii ilmaan Oromoo kumaatamaan barcuma aangoo siyaasa impaayerattii qabatee, aangoo isaatti dhimma bahuun uummatuma Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru murni koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti Oromummaa isaanii qofaan yakkuun sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee rasaasaan ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu kan durii caalaatti hammeessee itti fufee jira.

Muddee 26, 2024 waraanni maafiyaan sirnichaa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Muusaa Lissaanaa,
  2. Osumaan Ahimadii fi
  3. Umar Xahaa jedhaman 

badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan. 

Jiraattonni namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, loltoonni faashistii Abiy Ahimed ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading