• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti loltoota Impaayera Itiyoophiyaan dhiittaan mirgoota namoomaa rawwatamu jabaatee itti fufe

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Biyya abbaa isaa irratti mirgi lubbuun jiraachuu  irraa mulqamuun hanguma bineensota bosonaallee kabaja kan dhabe sabni Oromoo, hidhattoota Koloneel Abiy Ahimed sansakkaa waraanummaa tokkollee hin qabneen gochoonni farra namoomaa namoota nagaa irratti raawwatamaa jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Rasaa keessatti Muddee 27, 2024 maqaa sakattaa WBO jedhuun milishoonni sirnichaa fi waraanni faashistii PP gandichatti bobbaafaman dargaggoo maqaan isaa: 

  1. Adam Mahaammad Abduu,
  2. obboloota lamaan kan ta’an dargaggoo Ibraahim Aliyyii fi 
  3. dargaggoo Abduu Aliyyii 

kan jedhaman reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun magaalaa Booraatti hidhanii jiru.

Dargaggoonni hidhattoota murna nama nyaataa PP’n reebichi suukkaneessoon irratti raawwatamuun hidhaman kun siyaasa paartii dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne ta’uu hiriyootni isaanii himuun, ergamtootni bilxiginnaa kun garuu sobaan yakkanii baarjaa dharaa itti maxxansuun maqaa deggartoota waraana Bilisummaa Oromootii fi hojii loojistikii WBO’f hojjettu jedhuun akka hidhan dabaluun addeessaniiru. 

Dabalataan akkuma aanaa Dawwee Harawaatti maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun loltoota murna Bilxiginnaan hidhaa, reebicha, buqqaatii fi saamichi namoota nagaa irratti raawwatamu jabaachuun, jiraattotni onichaa shiftoota Koloneel Abiy Ahimediifuu akka itti ba’anii galan dhabanii rakkoo ulfaataa dhamdhamaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading