ONM-ABO Muddee 31, 2024
Ajjeesuu, saamuu fi hidhuu hojii idilee kan godhatan hidhattootni sirnichaa goleewwan Oromiyaa mara keessaa dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu itti fufan.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 28, 2024 galgala hidhattootni murna bilxiginnaa ganda Qoriitti namoota 4 haala suukkaneessaan ajjeesuun, namoota lama immoo madeessuun dhagaa’ame. Namoonni nagaan ajjeefaman kunneenis:
- Ganda Baaqiloo irraa Obbo Umar Hasan Haajii nama ganna 50,
- Ganda Qurqurootaa irraa Alii Huseen Gasee abbaa maatii 3,
- Ganda Qarsaa irraa Ahimed Booree,
- Ganda Jajjabaa irraa daa’ima ganna 14 Ammad Alii Huseen
badii tokko malee hidhata WBO qabdaan ajjeesaniiru.
Kana malees guyyaadhuma kana Muddee 28, 2024 hidhattootni kunneen gocha badii isaanii kana itti fufuun,-
- Ganda Dheeraa irraa:
- Shamarree Muntahaa Ibraahim fi-
- Mahaammad Ahimed Dooyyoo,
- Ganda Dalboonaa irraa jaarsa biyyaa Obbo Mahaammad Daalee yoo ajjeesan,
- Ganda Roqaa irraa Mahaammad Ahimed Umar fi-
- Ganda Dhefi eraa irraa immoo Kamaal Adamii kanneen jedhaman madeessuu maddeen gabaasaniiru.
