ONM-ABO Muddee 31, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa kufaatiin diinagdee balleessaa jiru deebisanii suphuuf kan dhama’an ergamtoonni bilxiginnaa uummata Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jirutti bobba’uun hawaasa qaala’iinsi jireenyaa jeeqaa jiru saamuu fi dararuu hammaassanii jiru.
Gama tokkoon ilmaan isaa qawween guuranii dirree lolaatti ficcisiisuun, qe’ee fi qabeenya sabichaa barbadeessaa lubbuu isaa akka baalaatti harcaasaa amma immoo maallaqa humnaa olii gaafachuun rakkisaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Muddee 25, 2024 aanaa Jimmaa Gannatti keessatti jiraattota ganda Guddattuu Jimmaa cufa ijaarsa mana gandaa ijaaruu diddan jechuun uummata ganda sana keessa jiraatu hunda naannoo Ceekaa Abbaa Janaa jedhamutti walitti qabuun qarshii 3,800 kaffalttan malee gadi isin hin dhiisnu jechuun uummata walitti qabanii gidirsaa turuu maddeen himan.
Kana malees godinichuma keessatti gammoojjiiwwan akka:
- Qorkee,
- Diinagdee,
- Giraanchii,
- Mooraa 4’ffaa,
- Mooraa 6’ffaa, fi kkf keessaa
uummata walitti qabuun naannoo buufata Federaalaa jedhamutti namoota 490 walitti qabuun gidirsaa jiraachuu jiraattoonni ONM’f eeran.

