ONM-ABO Muddee 31, 2024
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara maatii qabsaa’otaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e irratti raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Roobee ganda Jeenaa Ulul jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman Muddee 27, 2024 hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun hawaasni baqatee guyyaa lamaaf laga bulaa turuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
”Badii tokko malee maqaa ‘Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu’ jedhuun yakkanii lukkeeleen bilxiginnaa dhukaasa nutti banuun ganda tokko guutuu lagatti nu naqan kan jedhan jiraattotni, yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jirra jedhu.
Maanguddoo ganna 75 tokko kan aanaa Sirkaa irraa baqatee aanaa Roobee dhufe jala dhufanii adamsanii argachuu waan dhabaniif “maqaa hawaasni hin qabne itti maxxansuun sobaan yakkanii dhukaasa nutti banan” jechuun jiraataan gandichaa yaaddoo nageenya isaaf akka maqaan isaa hin dhahamne barbaadu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.

