• Wed. Apr 22nd, 2026

Iraan gaazexeessituu Xaaliyaanii Seesiliyaa Saalaa to’annoo jala oolchu mirkaneessite

Dec 31, 2024

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Ministeerri Aadaa Iraan gaazexeessituu Xaaliyaanii Seesiliiyaa Saalaa “seera Rippabiliika Islaamaa cabsite” jechuun to’annoo jala ooluu ishee mirkaneessee jira jechuun dhaabbati oduu IRNA   Wiixata kaleessaa gabaaseera.

Gaazexaa Fogliyoo fi dhaabbata poodkaastii miidiyaa Kooraa keessaa kan hojjettu Seesiliyaa Saalaa, dargaggeetti ganna 29 yoo taatu, Muddee 19 Iraan Teeyiraan keessatti hidhamtee akka turte ministeerri haajaa alaa Xaaliyaanii beeksiseera jechuun Rooyiters gabaase.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading