ONM-ABO Eebla 11, 2026
Lola kallattii maraan impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun qaawwaa hanqina waraanaa ballaa isa mudachaa jiru duuchachuuf jecha akkuma sirna abbaa irree Dargii hawaasa nagaa dirqamaan qabee adda waraanaatti guuraa kan jiru Bilxiginnaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti dararaan leenjifamtoota irratti mooraa keessatti irra ga’aa jiru kan kutaalee Oromiyaa addaa addaa irraan adda ta’uumaddeen himaniiru.
Haaluma kanaanis lukkeeleen Bilxiginnaa aanaa Jimmaa Gannatii gandoota baadiyyaa garaa garaa irraa hawaasa nagaa 5000 ol dirqamaan ukkaamsuun magaalaa Haratoo keessatti marsaa 3ffaaf miliishummaatti leenjisaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa namoota hedduu irratti sababa “ispoortii dadhabdaniif shira qabdu” jedhuun reebichaa fi dararaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu maddeen keessoo PP’ Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota gara jabeeyyii Bilxiginnaatiin reebichi irratti raawwachuun miidhaan qaamaa ulfaataan irra ga’ee jiru keessaa muraansi maqaan nu ga’e:
- Darasaa Ayyaanaa,
- Jireenyaa Coomman,
- Tamee Abdiisaa fi
- Barasaa Hundee
kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni maqaan isaanii nun qaqqabin hedduunis mooricha keessatti dhibee garaa garaaf saaxilamuun yaala dhabanii fayyummaan isaanii haala yaaddessaa irra jiraachuunis ifoomeera.
Aanicha keessatti murni gabroomfataa Bilxiginnaa sababa “hidhattanii biyya eegdu” jedhuun hawaasa nagaa qe’eef qabeenya isaa irraa ukkaamsuun marsaa marsaadhaan miliishummaatti leenjisaa kan jiru yoo ta’u, marsaa 1ffaa fi 2ffaa namoota 3,640 ol dirqamaan leenji’anii ba’an keessaa namoonni 50 ol dararaa mooraa leenjii keessatti irra ga’een dhukkoobota garaa garaaf saaxilamanii yaala dhorkamuun hiraarfamaa akka jiran gabaasnee turuun keenya kan yaadatamuudha.

