ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii keessaa miseensi waraanaa murna Bilxiginnaa tokko hidhannoo guutuu waliin Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennateera.
Miseensi Raayyaa Ittisa Impaayera Itoophiyaa kun gaafa Ebla 18,2026 qawwee fi meeshaalee waraanaa guutuu of harkaa qabuun gara WBOtti makameera.
Loltuun murna Bilxiginnaa duraanii kun yeroo gara WBOtti makamu, qawwee AKM (Turkii) tokko, rasaasa AKM 200, boombii F1 tokkoo fi hidhannoo mudhii waliin fudhatee akka dhufe ibsameera.
Akka loltuun murna PP duraanii kun ibsetti, jalqabarratti dirqamaan gara leenjii waraanaatti ergamee ture. Haata’u malee, haalli inni keessa ture isa hin gammachiisin, gara obboloota isaa WBOtti makamuu filateera. Akkasumas simannaa ho’aa fi kabaja WBO irraa argateef gammachuu guddaa qabaachuu isaa ibseera.
Dhuma irratti, dhaamsa dabarseen ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanne keessatti hirmaachuun gatii ulfaataa kaffalaa jiran hubachiisuun, yeroon gara obboloota isaanii WBOtti makamuu akka qaban dhaamsa dabarseera.

