ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo-Qeebbee ganda Sicha’oo keessaa waraanni murna gabroomfataa PP Ebla 17, 2026 dargaggoota ol adeemoo hedduu jumlaan qabuun gara mooraa waraanaatti guuraa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, shiftoonni koloneel Abiy Ahmediin qajeelfama fudhachuun uummata keessaa dhalatan irratti daba hojjechuu aadeffatan, dargaggoota lakkoofsaan danuu ta’an kanneen ammaaf maqaa guutuun nu hin qaqqabiin jiru konkolaataa ISUZU 2 guutuu dirqamaan fuudhanii deemuu ifoomsaniiru.
Dargaggoota diddaa mul’isuuf yaalan irratti reebicha ulfaataa ta’e raawwachuu himuun, namoota dhukkuboota garaagaraa qabanillee jumlaan dirqisiisanii faana balleessuun himameera.
Murni nama nyaataan PP ganna 8 kan hin caalle keessatti, hanna, saamicha mul’ataa, mancaatii qabeenyaa, doorsisa, hidhaa, dararaa fi duguuggaa sanyii yeroo kamuu raawwatamee hin beekne, kan sirna gita-bittootaan olitti uummata Oromoo irraan ga’aa turuu fi jiraachuun haqa hoggayyuu hin haalamnedha.






