ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa filannoo sobaatiin kaardii fudhadhaa jechuun uummata dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa warraaqsa uummata Oromoo butuun gara aangootti kan dhufe maqaa Oromoon daldaluun uummaticha rakkoo fi gidiraa adda addaaf kan saaxilee jiru magaalaa Adaamaa kutaalee garaagaraa kannneen akka Poostaa, Humna Ibsaa, Daraartuu, Piikook, Toora OBN fi Yuunivarsitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa (ASTU)tti argamu Boolee, manneen barnootaa sadarkaa garaagaraa fi kanneen biroo guutummaa magaalichaa keessatti filannoo impayerattii keessatti jijjiirama aangoo siyaasaa fidee hin beekneef, kaardii filannoo akka fudhatan dirqisiisuun namoonni hin fudhatin immoo reebamaa akka jiran maddeen magaalicha keessaa ONM’tti himaniiru.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa irraa jalqabee ganda Daabee Solloqqee toora mooraa leenjii poolisiitti kan argamtu keessatti jiraattota gandichaa manarra deemuun doorsisanii akka kaardii filannoo kijibaa fudhataniif dirqisiifamaa jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.
Murni kun garee maafiyaa magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti ijaaruun saamicha, gudeeddii, reebicha ulfaataa hanga ajjeechaatti dursaan Bilxiginnaa Abiyyii fi tika biyyaalessaa kan ture Dammallaash Gabra-Mikaa’el amma immoo gulantaa komiishineeraan ajajaa poolisii federaalaa kan ta’e garee kana hundeessanii yakkoota mirga namoomaa osoo raawwachiisaa jiranii ammallee osoo itti hin qaana’in filannoo kijibaaf dibbee reebuu itti fufaniiru.







