• Tue. Apr 28th, 2026

Aanaa Giddaa Ayyaanaatti namoonni Dirooniin haleelaman rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun himame

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Dirree Guddaa magaalaa Dirree jedhamutti mootummaan gabroomfataa PP haleellaa diroonii hawaasa nagaa irratti raawwateen namoonni madaa’an rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Maatiin tokko mana isaanii keessa osoo jiranii dirooniin kan haleelaman yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:

  1. Jabeessaa Shaamil,
  2. Caalaa Jabeessaa,
  3. Yaadashee Garbii fi
  4. Sooromee Amanuu 

kanneen jedhaman Hospitaala Giddaatti yaalamaa kan jiranii fi du’aa fi jireenya gidduutti argamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ifoomsaniiru.

Dheengadda Ebla 16, 2026 waaree booda naannoo sa’aatii 9:30 irratti jireenya hawaasaa gooluu, lubbuu fi qabeenya uummataa balleessuuf dirooniin Bilxiginnaan darbatame namoota arfan kana malees, horii hedduu, manneen jireenyaa fi manneen kuusa midhaanii barbadeessuun barameera.

Aanaa Giddaa Ayyaanaa malees, aanaa Eebantuu magaalaa Qeelloo jedhamu keessattillee gaafuma Ebla 16 sana marsaa turuun, jiraattonni aanaalee lameenii kunneen sodaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuu addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading