• Sat. May 2nd, 2026

Meeksikoo, Ispeenii fi Biraazil Ameerikaa fi Kuubaa gidduutti ‘mariin kabajaa’ akka taasifamu gaafatan

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Meeksikoo, Ispeenii fi Biraazil Kuubaa keessatti ”haala dinqisiisaa” bulchiinsa Ameerikaatiin ji’ootaaf dhiibbaa ishee mudachaa ture irratti yaaddoo isaanii kan ibsan yoo ta’u, sadan isaanii ”marii garaa qulqulluu fi kabajaan” akka taasifamu gaafataniiru.

Biyyoonni sadan Sanbata kaleessaa  ”rakkoo namoomaa hamaa ummanni Kuubaa dandamachaa jiru ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qaban ibsuun, haala kana salphisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an akka fudhataman gaafataniiru.

Biyyoonni kunneen ibsa waloo Ministeera Dhimma Alaa Meeksikoo baaseen, seera addunyaa waliin walsimuun ”marii garaa qulqulluu fi kabajaan” akka taasifamu gaafataniiru.

Kaayyoon marii akkanaa ”haala amma jiruuf furmaata waaraa argachuu fi bilisummaa guutuudhaan egeree ofii kan murteessu ummanni Kuubaa ofii isaa ta’uu mirkaneessuu” ta’uu qaba jedha ibsichi.

Waamichi kun kan dhiyaate yeroo walgahiin hoggantoota bitaa Ministira Muummee Ispeen Peedroo Saancheeziin durfamu Baarseloonaa keessatti gaggeeffamaa jirutti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading