• Sun. Apr 19th, 2026

Kibba Lixa Shaggarii fi Baha Shaggar keessatti humni qilleensaa Bilxiginnaa walitti fufiinsaan uummata nagaarra marsuun sodaachisaa jiraachuu jiraattonni himan

Apr 11, 2026

ONM-ABO Eebla 11, 2026 

Godina Baha Shaggar fi Kibba Lixa Shaggar aanaalee garaagaraa keessatti humni qilleensaa murna Bilxiginnaa walitti fufiinsaan uummata nagaa Irra marsuun doorsisaa jiraachuu jiraattonni yaaddoo isaanii Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan. 

Bifuma eerame kanaan godina Baha Shaggar aanaalee garaagaraa kanneen akka Dugdaa, Boosat, Booraa, Liiban Cuqqaalaa fi kanneen biroo keessatti sochiin humna qilleensaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguun kan isaanitti tolu halkanii fi guyyaan uummata nagaa irra marsuun yaaddoo guddaa hawaasatti uumee akka jiru jiraattonni dubbatu. 

Bifuma kanaan gaafa Ebla 10, 2026 ganama sa’aatii 1:00 irraa eegaluun aanaa Boosat gandoota garaagaraa kanneen akka Siifaa Battee, Araarsoo Beeroo, Nuuraa Alaagaa akkasumas Nuuraa Heeraa, Qaawwaa Hara Mirqaasaa, Baattoo Dagaagaa fi kanneen biroo keessa irra deddeebiin qe’ee uummataa irra dirooniin gosti ishee addaan hin baane marsaa akka jirtu jiraattonni eeruun, keessattuu gandoota akka Nuuraa Alaagaa, Siifaa Battee fi Qaawwaa Hara Mirqaasaa toora Daandii Itiyoo-Jibuutiitti dhiyaatu, Rukeecha Boqoree magaalaa Oolancitiitti dhi’oo kan taate yeroo baay’ee marsuun jiraattota sodaachisanii akka hojii baanee hin hojjenne nu taasisaa jira jechuun yaada isaanii ibsuun, hanga oduun Kun qindaa’etti illee akka irra deddeebi’aa jirtu sodaa qaban ONM’tti himaniiru. 

Bifuma wal fakkaatuun aanaa Liiban Cuqqaalaa gandoota kanneen akka Goraa Lamaanii, aanaa Booraa akkasumas godina Baha Shaggarii fi Kibba Lixa Shaggar kan daangessitu  lagni Awaash gidduu kan darbu aanaa Sooddoo Daaccii fi kanneen biroo keessattis halkan guutuu akka irra marsaa bulte jiraattonni eeruun hanga odeessi kun qindaa’etti irra marsuun doorsifamaa jiraachuu himaniiru. 

Murni Bilxiginnaa kan impaayerri Itoophiyaa sammuu isaanii ligideessee lafa kaa’e, hidhattoota isaa naamusa hin qabne lafoo hoomaa waraanaa bobbaasus, karaa siyaasaa gaaffii ilmaan Oromoo deebisuu dadhabuun lola xumura hin qabnetti WBO waliin kan seene injifachuu dadhabuun, Abiy Ahimad miira aariin guutamuun ilmaan  Oromoo cufa magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jedhin, WBO’tu jira jechuun sobanii uummata nagaa haleeluu jabeessanii itti fufanii jiru. 

Yeroo dhi’oo kana godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Dagla-Galaa bakka addaa Jiddaatti uummata nagaa barattootaa fi qonnaan bultoota baay’inaan namoota 20 ta’an dirooniin kan ajjeesan yoo ta’u, kaan immoo madaa’anii osoo yaalamaa jiranii hidhattoota Bilxiginnaan qabamanii hidhamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading