• Sat. Apr 25th, 2026

Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa waraqaa filannoo dirqamaan barattootatti hiraa jiraachuun dhaga’ame

Apr 11, 2026

ONM-ABO Eebla 11, 2026 

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Laga Maccaa jedhamu keessatti gaafa Ebla 7, 2026 murni Bilxiginnaa filannoo sobaa marsaa 7ffaa barana geggeessaa jiran akka waan uummatni isaan filaachaa jiruutti faallaa isaa immoo afaan qawweetti fayyadamuun barattoota dirqamaan waraqaa filannoo fudhachuu qabdu jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Haaluma kanaan barattoota mana barnoota Laga Maccaa keessatti kutaa 1-8 baratan addatti ammoo barattoota kutaa 8ffaa qormaata Biyyoolessaaf qophii irra jiraniin, “waraqaa filannoo fudhachuu qabdu; yoo fudhachuu diddan immoo qormaata hin qoramtan” jechuun hiraarsaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa barattoota waraqaa filannoo jedhame kana fudhachuu didan maqaa isaan keessaa hin qabne itti maxxansanii sobaan yakkuun badii seeraa tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun doorsisanii waraqaa filannoo akka fudhatan dhiibbaa gochaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading