ONM-ABO Eebla 11, 2026
Kaaba Oromiyaa Godina Walloo aanaa Baatee baadiyaa aanichaa ganda Eelaa Araddaa Qorii bakka jedhamutti ganama gaafa Ebla 9, 2026 gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n onichatti bobbaafamanii turan maqaa ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun Ebla 8, halkan Ebla 9’tti bari’u dargaggoo Abduu Ahimed kan jedhamu mana maatii isaatti marsanii buluun ganama gaaffii seeraa tokko malee fuula maatii fi hawaasa gandichaa duratti rasaasa akka bokkaa itti roobsuun ajjeesanii reeffa bakkeetti gatanii biraa deemuun ibsameera.
Dargaggoon bifa nama sururuun shiftoota murna Bilxiginnaan ajjeefame kun yakka dalage tokko illee qabaatee osoo hin taane lukkeeleen sirnichaa akkuma baran barjaa dharaa hidhata WBO qabda jedhu itti maxxansuun Oromummaa isaa qofaan yakkanii ajjeesuun bakkeetti kan gatan yoo ta’u, badii malee ajjeefamuun dargaggoo kanaa maatii, firoottanii fi hawaasa aanaa Baatee mara biratti gaddaa fi dallansuu, akkasumas yaaddoo nageenyaa hamaa uumee jiraachuutu dubbatama.
Dabalataan aanichuma ganda Habilee irraa ammoo hidhattootni murna faashistii PP Ebla 7, 2026 dargaggoo ol adeemaa maatii isaa hojii qonnaa gargaaruun jiraatu Abduu Daawwee jedhamu ukkaamsanii erga reebichaan qaama isaa laalessanii booda bilbiloota harkaa isaa cufa maqaa faaya alaabaa Oromoo keessatti agarre jedhuun harkaa saamanii isa ammoo harka duubatti hidhuun halkan tokko buufata isaaniitti garmalee reebaa bulanii Ebla 8, ganama magaalaa Baatee waajjira Poolisiitti hidhanii hiraarsaa jiru.


