ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo irraa dargaggoonni lama loltoota Bilxiginnaan hidhaatti darbatamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni kunneen:
- Caalii Biraanuu Fiixee fi
- Bahaaruu Biraanuu
kan jedhaman yoo ta’u, Ebla 8, 2026 “obboleessa keessantu hidhatee WBO keessa jira” jechuun yakkamanii kan hidhaatti darbataman ta’uun barameera.
Akka jiraattonni gandichaa ibsanitti, dargaggoonni kunneen hirmaannaa jaarmiyaa siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hojii idilee isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan ta’uu fi maqaa sobaa isaan keessaa hin qabneen yakka tokko malee reebichaan dararamaa kan jiran ta’uu dubbatu.
Deggertoonni siyaasaa sirna nam-tokkee kolonel Abiy Ahimad daandii hawaasa Oromoo irratti miidhaa geggeessan yeroo yerootti wixinachuun injifannoo WBO’n guyyaa guyyaan irratti galmeessu haaloo ba’achuuf, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti maatii qabsaa’otaa hiraarsanii gochaa dabaa hojjetaa jiru.

