ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee bulchiinsa magaalaa Baakkoo keessatti jaleewwan Bilxiginnaa fuul-duree kana dubartoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuuf karoorsanii jiraachuu maddeen amanamoo keessoo PP Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sababni hidhaatti darbatamuu dubartoota kanneenii abbootiin warraa isaanii armaan dura humnaan qabamanii milishummaa leenji’aa jiran hedduminaan mooraa Bilxiginnaa keessaa miliqanii badaa jiraachuu irraan kan ka’e ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Kana malees, magaalicha keessatti ergamtoonni sirnichaa sababoota garaagaraa hawaasa nagaatti maxxansuun reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen ifoomsanii jiru.

