ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaalee akka: Barakaa, Rahaa, Qabsoo fi kanneen biroo hunda keessaa torban darbe irraa eegalanii jala deemtonni Bilxiginnaa hawaasa saamuu daran cimsanii itti fufanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Maqaa “bishaan isiniif galchina” jedhuun qarshii kuma lama lama guuraa kan jiran jaleewwan PP, maqaa bu’uuraalee misoomaa da’oo godhachuun qarshii walitti qabatanii addaan qooddachuu malee qabatamaan bu’aa tokko hawaasaaf buusaa kan hin jirre ta’uu jiraattonni araddichaa ifoomsaniiru.
Kana malees, kaffaltii nagahee hin qabnee fi sababni guuramuuf adda hin baane, hawaasa hunda dirqamsiisanii qarshii 4,500 guuraa jiraachuun himameera.
Sababa guyyaa guyyaan kaffaltii lukkeeleen Bilxiginnaa gaafatan kaffalaniif dinagdeen isaanii miidhamee kan jiru yoo ta’u, yoo isaan kaffaluu didan maqaan adda addaa itti ba’ee hiraarsaan waan irra gahuuf, jiraattonni yaaddoo fi sodaa guddaa keessa galaniiru.
Faayidaa dhuunfaa isaanii guuttachuu fi dinagdee impaayerattii kufte utubuuf jecha dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuuf ergamtoonni Bilxiginnaa aanichaa fi kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa ofiifuu rakkoo qaala’insa jireenyaatiin waadamee harkaa gara afaaniitti waan nyaatee bulu dhabee rakkatu gidirsaa jiru.

