ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti caasaaleen Bilxiginnaa sadarkaa adda addaa irra jiran kufaatii sirnichaatti amanuun ajaja qaama olii irraa itti kennamu mormuun, sarara bilbilaa dhuunfaa armaan dura fayyadamaa turan of irratti cufanii dhoksaadhaan sarara haaraa fayyadamaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen, “maaliif sarara bilbilaa cufattan?” jedhamuun hoggaa gaafatamanis, sababa sobaa fi maqa balleessii “WBOtu nurratti cufaa jira” jedhu dhiheessuun fakkaattota isaanii gowwomsaa kan jiran ta’uun barameera.
Maqaan ergamtoota kanneenii:
- Maammoo, Kaabinee bulchiinsa magaalaa Ukkee,
- Katamaa, itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa Guutoo Giddaa,
- Kifiluu, kaabinee ganda Eebbaa fi
- Zalaalem Ittaanaa, poolisii ganda Jireenyaa ta’uun eeramee jira.
Jaleewwan PP kunneen kana duras daba hawaasa Oromoo irratti raawwataniin “caasaa mootummaa keessaa waan nama qabuuf, WBOn nama nutti ergee nu ajjeesisa” sodaa jedhuun liqimfamanii, sarara bilbila isaanii guyyaa guyyaan jijjiiruu fi beekaa ofirratti cufsiisuun akka irratti hin beekamne gochuuf yaalaa turaniiru.

