• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaan Israa’el Gaazaa keessatti raawwatte yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 17 galaafate

Jan 2, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Haleellaan qilleensaa Israa’el mooraa baqattootaa al-Bureyij fi magaalaa Jabaliyaa giddugala fi kaaba Gaazaa irratti Roobii kaleessa raawwatte yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 17 ajjeesuu dhaabbati oduu  Falasxiin WAFA’n gabaase.

Waraanni Israa’el barreeffama X irratti barreesseen dubbi himaan isaa afaan Arabaa kanaan dura jiraattonni magaalaa al-Bureyij hidhattoota naannoo sana irraa rookkeettii dhukaasaa jiran irratti haleellaa dhiyootti raawwatamu dura akka baqatan akeekkachiisee kan ture ta’us yaada hatattamaa hin kennine.  

Akkasumas halkan tokkotti hidhattoota Hamaas kan Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa gareen kun kibba Israa’el irratti raawwateen gara Kibbutz Nir Oz seenuu hoogganuudhaaf gargaare Abd al-Hadi Sabaa ajjeesuu ibseera. 

Duulli Israa’el Gaazaatti lammiilee Falasxiinota 45,500 ol ajjeesuu qondaaltonni fayyaa naannoo Hamaas bulchan himaniiru. Namoonni Gaazaa miliyoona 2.3 ta’an harki caalaan isaanii qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, naannoon qarqara galaanaa xiqqaan baay’een isaa diigamee jira.

Haleellaan Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwatameen namoota 1,200 kan ajjeese yoo ta’u, namoonni 251 ammoo booji’amanii gara Gaazaatti fudhataman jedha lakkoofsi Israa’el jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading