• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti ergamtoonni maafiyaa PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jan 3, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Kutaalee impaayerattii hunda keessaa ergamtoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan sabboontota ilmaan Oromoo maqaa sobaa garaa garaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessaa Muddee 31, 2024 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Addunyaa Jabanaa,
  2. Araarsoo Gaaddisaa,
  3. Alamuu Garramuu,
  4. Dajanee Raggaasaa,
  5. Shaanqoo Garramuu,
  6. Barasaa Lachiisaa,
  7. Dhaabaa Hindagatuu,
  8. Girmaa Abaatee fi 

kanneen biroo hedduu ta’an loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading