ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Daldaltootni godina Walloo aanaalee garaa garaa irraa jimaa, qullubbii, barbaree, shiroo, buna, burtukaanaa fi wantoota adda addaa naannoo Affaar magaalaa Daalifaagee fi magaalaa Wadaraagee geessuun gurguratanii, re’ee fi hoolota naannoo Affaarii bituun ittiin daldalatan loltoota murna bilxiginnaan saamamaa jiraachuu fi akka deemanii hin daldalanneefis daandii konkolaataa jalaa cufuun daldaltootni garmalee rakkachuu dubbatan.
Akka daldaltootni kun dabaluun dubbatanitti, gabaan naannoo Affaar magaalaa Wadaraagee jedhamuu guyyaa Sanbataa fi kan Daalifaagee ammoo guyyaa kibxataa ta’uu himuun isaanis guyyaa Sanbataa fi Wiixata galgala karaa aanaa Dawwee Harawaa Haroo Kookkoo jedhamuun naannicha Affaaritti akka imalan dubbachuun, hidhattootni sirnichaa ammoo wayita isaan konkolaataan deeman daandii irratti ba’anii wantoota daldaltootni of harkaa qaban mara jalaa saamuun daandii isin ittiin galtan argina jechuun doorsisuu dubbatu.
Sababa kanaanis daldaltootni aanaa Dawwee Harawaa fi aanaa Harxummaa Fursee irraa naannoo Affaar gabaa deemanii karaatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin saamaman karaa qe’ee isaaniitti galan dhabuun rakkachaa kan turanii fi Amajjii 1, 2025 maallaqa guddaa kaffaluun naannoo Affaar kanneen keessaa karaa aanaa Baatee kan galan ta’uu fi dararaa fi saamicha shiftoota murna bilxiginnaan irratti raawwatamuufis hojii daldala isaanii dhaabuuf dirqamanii jiraachuu dabaluun addeessaniiru.
