• Sun. Nov 22nd, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Hidhabuu Abooteetti dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Jan 4, 2025

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Aanaa Hidhabuu Abootee gandoota baadiyyaa  onichaa guutuutti sarbamiinsi waraana garboomfataa PP’n jabaachuun hawaasni hunduu hidhaa jumlaa fi saamichi qabeenyaa torbee lamaan kana akkaan jabaachuu ONM’f himan.

Keessattuu guyyoota lamaan darban qonnaan bultoonni 10 ol Gooxii Waciitii fi Haroo irra qabamanii mana hidhaa magaalaa Ejeree geeffamuun hidhamuun ibsameera.

Maqaa namoota muraasaa kanneen hidhamanii jiran keessaa arganne:

  1. Tolosaa Dobocee maanguddoo umurii 55
  2. Guutaa Gaarii maangudoo umrii 50
  3. Hirkoo Taayyee Gaarii abbaa ijoollee 3 yoo ta’u, 

abbaan isaa guyyaa dheengaddaa du’ee bakka bo’ichaatii qabanii gadda abbaa isaa irraa fuudhanii kan hidhan ogguu ta’u:

  1. Qananii Cammaraa maanguddoo umurii 50 olii 
  2. Araddaa Tolchaa Abbaa ijoollee 6
  3. Kurraazee Bihoon shamarree waggaa 20
  4. Gowwee Girmaa fi 

namoota biroo hedduu qabuun hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera. 

Oduu saamichaan ammoo humni waraanaa guddaan aanaa Warra Jaarsoo jiru ganda Haroo Calanqoo irraan hanga Laga Jammaatti qabeenya uummataa xaafii fi loon walitti qabuun konkolaataan Qarre-Gohaatti akka geessan jiraattonni miidhaan isaan irratti raawwachaa jiru kun miira gaddaan dubbatan. 

Lukkeeleen faashistii PP kanneen jiraattota irratti saamicha raawwachiisan maqaan isaanii: Silashii Baqqalaa, Tolchaa Baqqalaa fi kanneen biroo yoo ta’an, humni waraanaa Hidhabuu Abootee irraa ka’uun Alqoochii Qarree, Ada’a Naachoo, Gidaaboo Jimmaa, Gidaaboo Kiroo, Haroo Calanqootiin hanga Laga Jamaatti warra qubsiifamaniinis hariiroo uumuun daba taasisaa akka jiran beekameera.

Leave a Reply