ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa keessaa waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane 2 torban tokko dura ajjeesanii gatuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti reeffi isaanii sarootaan nyaatamaa kan jiru ta’uu namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganda kana keessatti duulli duguuggaa sanyii kun jabaatee ittuma fufuun, Muddee 31, 2024 ammoo dargaggoo Isaayyaas Abbayyaa jedhamus badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akkuma aanichaatti dararaan garaa garaa guyyuu ergamtoota sirnichaan raawwatamu jabaachuun, hawaasni ba’ee galuuf illee yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta’uunis eeramee jira.

