• Mon. Mar 16th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti murni Bilxiginnaa ummata nagaa hiraarsuu jabeessee itti fufe 

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Waraanni murna Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa iddoo hundatti duguggaa sanyii sabicha irratti rawwaachaa jiru aanaa Jajuu gandoota hedduu irratti reebicha, hidhaa, saamicha qabeenyaa fi maqaa gibira jedhuun maallaqa dachaa dachaan kaffalchiisuun hawaasicha karaa hundaan dadhabsiisaa kan jiran yoo ta’u, ganda Gurree, Igguu- Ceeqqaa, Simpitee Fincoo, Habulee fi Fincoo keessatti qabeenyaa isaan qaban hundaa irratti maallaqa humnaa olii kaffalchiisaa jiru.

Akka waliigalaatti nama tokko irraa hiyyeessas ta’e dureessa qarshii kuma shanii gadi irraa fudhuun hin danda’amu jechuun ummaticha qabeenya inni qabu gurgursiisanii harka duwwatti hambisuuf namoota waan kaffalan dhaban ammoo mana hidhatti guuruuf maati isaanii mana keessaa baqachiisaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ibsaniiru. 

Haaluma wal-fakkaatuun aanaadhuma kana keessatti namoota Jumlaan mana hidhatti guuraa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa:

ganda Gurree irraa: 

  1. Waabee Musxafaa kan jedhamu yoo ta’u, 

ganda Simbitee Fincoo irraa: 

  1. Ahmad Huseen Hasan, 
  2. Abiruu Tamam, 
  3. Qaasim Mammad,  
  4. Foziyaa Birxee fi 
  5. Baamud Abisee 

mana isaanii keessa baasuun reebicha hamaa irraan gahuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading